1 Corinthians 1:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya, yennaa Waaqi isin waame nama attamii akka teetane qaabadha'a. Akka yaada namaatti isin keessaa worri hedduun qaroolee, yookiin jajjaba, yookiin worra gugurda'aa moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani, waan duri keesa jirtani qaabad'a, gaafa Waaqi isani yaame. Toko toko male isaniini ch'ufti qarooma inqabdani yokhaani jabeenna inqabdani yokhaani ulfinna inqabdani, aka nami sehu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyaan, gaafa Waaqii isan yaame waan durii keessa jirtan qaabadhaa! Nama tokko tokko malee isan namii hedduun akka namii sehu qarooma hinqabdan yokaan jabeenna hinqabdan yokaan ulfinna hinqabdan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Waamamuu keessan laalaa'a; worri akka ogummaa namaa ogeeyyii ta'an hedduun, worri gugurdoota ta'an hedduu fi worri dureeyyii ta'an hin waamamne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya! Waamamuu keessan laalaa'a, worri akka ogummaa namaa ogeessota ta'an hedduun, worri gurguddoota ta'an hedduu fi worri dureeyyii ta'an hin waamamne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Waaqinni yeroo isin waametti namoota attamii akka turttan yaadadhaa, akka yaada namaa titti isin jiddu'uu baayi'eewwan ogeessota yookiin jajaboota yookiin namoota guguddoota hin turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya, yennaa Waaqi isin waame nama attamii akka teetane qaabadha'a. Akka yaada namaatitti isin keessaa worri hedduun qaroolee, yookiin jajjaba, yookiin worra gugurda'aa moti.