1 Corinthians 1:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi ammoo qaroolee qaanessu'uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole'ee laakkowamanu foyate; worra jajjaba qaanessu'uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole'ee laakkowamanu foyate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi beekhuma beekha waan nami lafa daalluma sehu fohate, aka qaro ch'eersu, ammalle waan nami lafa laaftu sehu fohatte, aka nama jajaba ch'eersu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii beekkummaa beekaaf akka qaroo ceersu, waan namii lafaa daallummaa sehu foohate; ammallee akka nama jajabaa ceersu waan namii lafaa laaftuu sehu foohatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Rabbi ogeeyyii saalfachiisu'uuf gowwaa adunyaa tanaa filate. Cimaa saalfachiisu'uuf, Rabbi dadhabaa adunyaa tanaa filate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Rabbii ogeeyyii saalfachiisu'uuf gowwaa adunyaa tanaa filate. Cimaa saalfachiisu'uuf, Rabbi dadhabaa adunyaa tanaa filate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni ogeessota saalfachiisu'uuf biyya lafaa titti akka gowootaa titti namoota laakkayaman ni filate, jajaboota'llee saalfachiisu'uuf jecha biyya lafaa keessatti worra akka dadhabddootaa titti laakkayaman filate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi ammoo qaroolee qaanessu'uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole'ee laakkowamanu fowate; worra jajjaba qaanessu'uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole'ee laakkowamanu fowate.