1 Corinthians 1:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin ammoo Waaqi akka Kiristoos woliin tokkummaa qabaattanu godhe. Tanaaf Waaqi, akka Yesuus Kiristoos qarummaa teenna, balchummaa teenna, woyyumma'aa fi wodoo keenna te'u godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo Waaqii ya Kiristoo Yesusiin takkaa isan tolche, ammallee ya Kiristoo qarooma keenna tolche; marroo isaatiif nu ya Waaqaan walti araaramnee, gumii Waaqaa qulqulloo taane, ammalllee ya balchoollee taane.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'uu argattan isumaan; Inni ogummaa keenna ka Rabbiin biraa nuu ta'e; qajeellummaa keenna; woyyummaa keennaa fi ka nu bitate ta'eera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, «Ka uf jaju Rabbiin uf haa jajuu» jedhamee akkuma barreeffame,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin garuu Waaqinni Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattan isin ni taasise, kanaaf Waaqinni Yesus Kristosiin ogummaa keenna, qulqullaawoma keenna, qulqullummaa keennaa fi wobii keenna akka ta'u ni taasiseen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ammoo Waaqi akka Kiristoos woliin tokkummaa qabaattanu godhe. Tanaaf Waaqi, akka Yesuus Kiristoos qarummaa teenna, balchummaa teenna, woyyumma'aa fi wodoo keenna te'u godhe.