1 Corinthians 10:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunnna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilaalachaani namati d'uftu woma qara lafa jiraati. Ammo Waaqi kakhu ufi jabeesa. Inni ilaalacha isani ira hafu indandeenne isaniti inllakisu. Ammo hojja isani ilaalatani, inni jabeenna isani obsitani keesaa batani isanii kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ilaalachaan namaatti dhuftu homaa qaraa lafa jiraati. Waaqii ammoo kakuu ufii jabeessa. Innii ilaalachaa isan irraa hafu hindandeenne isanitti hinlakkisu. Ammoo yo isan ilaalatan, innii jabeenna isan obsitanii keessaa bataniin isanii kenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haa ta'uu ammo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'a. Akka obsuu dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haata'uu ammoo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'aa. Obsuu akka dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qormmaata nama irra gayuun alatti, qormmaanni bira'aa isin irra hin geenne. Waaqinni amanama'a, qormmaanni huminna keessanii ol ta'e akka isin irra gayu hin eeyyamu, yeroo itti qormaatamttantti'llee huminna ittiin obissitan isinii kennu'uun, karaa qormaataa keessaa ittiin baatan isiniif ni qopheessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.