1 Corinthians 10:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Wonni marti eeyyatanteerti” jedhama, ammoo wonni marti bu'aa hin qaddu. Wonni marti eeyyatanteerti; wonni marti ammoo hin jabeessitu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gari, Wonti ch'ufti nu halaala jed'a; ammo wonti suni ch'ufti isanii dansaaniti. Wonti ch'ufti nu halaala jed'ani, ammo wonti ch'ufti inqarqaartu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii garii, “Wantii cuftii nu alaala” jedha; wantii sun cuftii ammoo isanii dansaaniti; “Wantii cuftii nuu alaala” jedhan, wantii cuftii ammoo nama hinqarqaartu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maruu naa eeyyamameera; maruu ammo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; Haa ta'uu ammo ka keessa namaa qulqulleessuu miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maruu naa eeyyamameera; maruu ammoo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; Haata'uu ammoo ka keessa namaa qulqulleessuu miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wonitti marrinuu eeyyamamee jira, garuu wonitti marri fayyada'aa miti, wonitti marrinuu eeyyamamee jira, wonitti marri garuu ka nama ijaaruu miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Wonni marti eeyyatanteerti» jedhama, ammoo wonni marti bu'aa hin qaddu. Wonni marti eeyyatanteerti; wonni marti ammoo hin jabeessitu.