1 Corinthians 10:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo nami tokko, “Kun waaqota dharaatiif ka ciinceffameeru” jedhee yoo isinitti hime, marroo namicha isinitti himeetii fi wodanaa isaatiif jedha'aatii hin nyaatina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo nami toko, Sagale tana ya waan harkaani boch'ani baasani isaniini jed'e inyaatiina, maro nama waan suni isaniini jed'eetifi maro herega namaatiifi,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo yo namii tokko, “Sagalee tana ya waan harkaan bocanii baasan” jedhee isanitti himee, marroo namicha isaniitti hime suniifi herregii garaa isaalleen tuqamuuf hin nyaatinaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni tokkollee «kun ciincaa waaqa tolfama'aaf dhiyaate» yoo isiniin jedhe; sababa namichi waan san isinitti himeef sababaa shakkii qalbii teessaniitiif hin nyaatinaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni tokkollee kun ciincaa waaqa tolfama'aaf dhiyaate yoo isiniin jedhe; sababa namichi waan san isinitti himeef sababii shakkii qalbii teessaniitiif hin nyaatinaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu naminni tokko «Foon kun ka Waaqa harkaan hojjtaameef qalame» yoo isiniin jedhe, waayee nama kana isinitti himeetii fi waayee sammuu isaatiif'llee, foon san hin nyaatnaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo nami tokko, «Kun waaqota dharaatiif ka ciinceffameeru» jedhee yoo isinitti hime, marroo namicha isinitti himeetii fi wodanaa isaatiif jedha'aatii hin nyaatina'a.