1 Corinthians 10:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wodanaa jechuun kiyya, wodanaa namicha sanii tuqa jechuu kiyya malee, wodanaa keessanii moti. Egasuu sababa wodanaa nama dhibi'iitiif, bilisummaa tiyya irratti maaf muranti ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
anini herega keesani imbaanu, ammo herega isaa baana. Nami gari waan jed'u anini maafi waan fed'u herega nama dibiti jed'e lakisa?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin yaada garaa isaa baane malee keessan hinbaanne. Namii garii: “Anin maaf waan fedhu errega nama dhibiitii jedhee lakkisa?” jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaada hiriyyaa keetiitiif malee yaada mataa keetiitiif hin dubbadhu. Wolabummaa kiyya irratti yaada nama biraatiin na irratti murteeffamaa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yaada hiriyyaa keetiitiif malee yaada mataa keetiitiif hin dubbadhu. Wolabummaa kiyya irratti yaada nama biraatiin narratti murteeffamaa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sammuu yoo isiniin jedhu'llee sammuu namichaa jedhuu kiyya malee, sammuu keessan jechuu kiyyaa miti. Eegaa, sababa sammuu nama bira'aatiif, bilisummaa kiyya irratti ka murtteeffamu maali'iif?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wodanaa jechuun kiyya, wodanaa namicha sanii tuqa jechuu kiyya malee, wodanaa keessanii moti. Eegasuu sababa wodanaa nama dhibi'iitiif, bilisummaa tiyya irratti maaf muranti ree?