1 Corinthians 10:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma Barreeffam Woyyichi, “Kolbaan nyaataa fi unto'oof teette; caaqaa sirbiisaafille kaate” jedhu, isinille akka isaan waaqota dharaa waaqonfatane, waaqota dharaa hin waaqonfatina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
yokhaani aka nu akuma worraa waan harkaani boch'ani inkad'anne, akuma t'aafiini jettu, Biyyiti teteete nyaate d'udde kaate sirbite,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yokaan akka nu akka warraa waan harkaan bocan hinkadhannee, akkuma barreessanii, “Biyyitii teetteeti nyaatee dhuddee kaatee sirbite” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma, «Baniin nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'anii sirbu'uuf ka'an» jedhamee barreeffame isaan keessaa gari gariinillee akkasuma godhe; isinillee worra waaqa tolfamaa waaqeffatu hin ta'inaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Baniin nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'anii; sirbu'uuf ka'an» jedhamee akkuma barreeffame isaan keessaa gari gariinillee akkasuma godhe, isinillee worra waaqa tolfamaa kaddaamu hin ta'inaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Namoonni nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'an, hagaa olitti fandalalu'uuf ni ka'an» jedhamee waayee isaanii akkuma barreeffametti, isaan Waaqa harkaan hojjatame akka waaqeffatan isin'llee, akka isaanii Waaqa harkaan hojjatame hin waaqeffatinaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma Barreeffam Woyyichi, «Kolbaan nyaataa fi unto'oof teette; caaqaa sirbiisaafille kaate» jedhu, isinille akka isaan waaqota dharaa waaqonfatane, waaqota dharaa hin waaqonfatina'a.