1 Corinthians 11:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Me isinuu mura'a; duubartiin adoo mataa ifii hin hagooggatin wolde'a kiristaanaa keessatti Waaqa daadimatuun waan malee?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ufii teesanii herega: aki nad'eeni yo hagogo mata inqamne Waaqa kad'attu fullaa?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nadheen ka hagoggoo mataa hinqamne Waaqaa kadhattu fulaa? isanumaan ufiitti muraa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isinummaan uf jiddu'utti murteessaa'a. Dubartiin rifeensa ufii uduu itti hin haguugganne Rabbiin kadhachuun hin ta'aa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isinummaan uf jiddu'utti murtessaa'a. Dubartiin rifeensa ufii uduu itti hin haguugganne Rabbiin faateffachuun hin ta'aa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mee isin mataan keessanuu murteessaa, dubarttiin mataa isi'ii uduu hin haguugatin, gara Waaqaa kadhannaa dhiyeessuun isi'ii, barbaachisa'aa ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Me isinuu mura'a; dubartiin adoo mataa ifii hin hagooggatin wolde'a kiristaanaa keessatti Waaqa daadimatuun waan malee?