1 Corinthians 11:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa waaqeffanna'aaf wolitti qabantanu, dansaa caalaa hantuu waan gootanuuf, barsiisa amma isinii kennuun isin hin leelliffadhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gorsa kana keesati, Isani waan dansa tolchitani injed'u; wonti akanatiifi woldeennaani teesani waan dansa intolchitu ammo waan hamtu tolchiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gorsa kana keessaatti, isan waan dansaa tolchitan hinjedhu; wantii akkanaatiif waldeennaan teessan waan dansaa hintolchituu, waan hamtuu tolchiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo hennaa wol geettan waan bada'aaf malee, waan misha'aaf waan hin taaneef ajaja kana yoo isinii kennu isin hin galatoonfadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo hennaa wolgeettan waan bada'aaf malee, waan misha'aaf waan hin taaneef ajaja kana yoo isinii kennu isin hin galateeffadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo wolitti qabamttanitti wonitti raawwattan waan hamaa malee waan mishaa hin ta'iniif, barumisa amma isinii kennuun kanaa isin hin galateeffadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa waaqonfanna'aaf wolitti qabantanu, dansaa caalaa hantuu waan gootanuuf, barsiisa amma isinii kennuun isin hin leellifadhu.