1 Corinthians 11:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sababille yennaa nyaattanu namuu kuun kaan adoo hin eegin qofuu nyaata. Akka kanaan kuun hin beelowa, ka dhibiin hin machowa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi yo sagale nyaattani, nami ch'ufti hurrise sagale ufi nyaata, tanaafi nami gari beelaani gala, ato ka gari machau.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif yo sagalee nyaattan, namii cuftii hurriseeti sagalee ufii nyaata, tanaaf namii garii adoo namii garii machaa'uu beelaan gala.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa nyaataa maruu hurbaata ufii waan nyaatuuf tokko hin beelaya, tokko ammo hin machaaya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa nyaataa, maruu hurbata ufii waan nyaatuu, tokko hin beelaya, tokko ammoo hin machaaya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yoo nyaattan tokko tokko uduu hin eegin adda ufii titti ni nyaata, haala kanaan tokko yoo beelayu kuun ni machaaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille yennaa nyaattanu namuu kuun kaan adoo hin eegin qofuu nyaata. Akka kanaan kuun hin beelowa, ka dhibiin hin machowa.