1 Corinthians 11:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin mana itti nyaattanuu fi untanu hin qaddanuu? Yookiin wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa hin tuffattanii? Yookiin worra woyi hin qanne qaanessitanii? Ani maan isiniin jedhu ree? Marroo waan kanaatiif isin leellifadhaa ree? Ani ijjumaa isin hin leelliffadhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra keesati nyaattani d'uddani inqabdani? Yokhaani gumi Waaqa tuffattani, worra gaargala qabu ch'eersu feetani? Ana maani isaniini jed'u feetani? Ana waan dansa isaniini jed'u feetani? Anini waan dansa tokole injed'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra keessatti nyaattanii dhuddan hinqabdanii? Yokaan gumii Waaqaa tuffattaniitti, warra gaargala qabu ceersuu feettanii? Anaa maan isaniin jedhu feetan? Anaa waan dansaa isaniin jedhu feettanii? Anin waan dansaa tokkollee hinjedhu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Manniin itti nyaattaniif itti dhuddan hin qabdanii? Mo'o Woldaa Rabbii tuffattan? worra waa hin qabne hin saalfachiiftanii? Ani maal isiniin haa jedhu? Waan kanatti isin haa galatoonfadhuu ree? Isin hin galatoonfadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Manniin itti nyaattaniif itti dhuddan hin qabdanii? Mo'o Woldaa Rabbii tuffattanii? worra waa hin qabne hin saalfachiiftanii? Ani maal isiniin haa jedhu? Waan kanatti isin haa galateeffadhuu ree? Isin hin galateeffadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee mana itti nyaatanii fi itti dhugiddan hin qabddan moo? Yookiin Mana woldaya Waaqaa ni tuffattan moo? Yookiin rakkatoota womaayyuu hin qabnne ni saalfachiifttan moo? Eegaa maal haa isiniin jedhu? Waayee kanaaf isin haa galateeffadhu moo? Gonkumaa isin hin galateeffadhu!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin mana itti nyaattanuu fi untanu hin qaddanuu? Yookiin wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa hin tuffattanii? Yookiin worra woy hin qanne qaanessitanii? Ani maan isiniin jedhu ree? Marroo waan kanaatiif isin leellifadhaa ree? Ani ijjumaa isin hin leellifadhu.