1 Corinthians 11:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma Irbaataan duuba muduunuu fuudhee, “Muduunuun tun gondooroo haareya dhiiga kiyyaan teetu; yennaa isii untanu mara qaabbii tiyyaaf godhadha'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma eegi sagale nyaatani inni mudunu fuud'e waan jed'e, Mudunuuni tunini wold'aqisa haraa ka d'iiga kiyya beesisu. Yo d'uddani ch'ufa naa qaabad'a jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkasuma eegii sagalee nyaattan, innii mudunuu fuudhee, “Mudunuun tunin ta kakuu haaraa ta dhiiga kiyya beesichu; yo keessaa dhuddan cufaa na qaabadha!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma hurbaataan maayii mijuu ol fuudhee, «Mijuun kun waadaa dhiiga kiyyaan ta'u ka waadaa haarawaati; hennaa dhuddan maraa kana yaadannoo kiyyaaf godhaa'a» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma hurbaataan maayii, untoo ol fuudhee, «Untoon tun waadaa dhiiga kiyyaan ta'u ka waadaa haarawaati; hennaa dhuddan maraa kana yaadannoo kiyyaaf godhaa'a» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana irbaataan duubatti'llee Duloo ol fuudhee, «Duloon kun dhiiga kiyyaan ka hundaayu waadaa haarawa, yeroo dhugiddan marattuu kana yaadannoo kiyyaaf taasfadha'aanii» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma Irbaataan duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun gondooroo haareya dhiiga kiyyaan teetu; yennaa isii untanu mara qaabbii tiyyaaf godhadha'a» jedhe.