1 Corinthians 11:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf eennulle ka isaaf hin malle adoo te'eeruu, daabboo Gootta'aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta'aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta'aa waan salphiseef itti gaafatama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi yo nami adaba hamaani qit'a Aabbo nyaate yokhaani mudunu Aabbo d'uge, inni ya nafa Aabbootiifi d'iiga Aabboleti dabe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf namii yo adaba hamaan qixxaa Aabboo nyaate yokaan muduunuu Aabboo keessaa dhuge, innii ya nafa Aabbootii fi dhiiga Aabbolleetti cubbame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu uduu isaaf hin malle ka xoroshoo kana nyaate, yookaan ka mijuu Goofta'aa dhuge maruu gatiin foonii fi dhiiga Goofta'aa isa irra jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu uduu isaaf hin malle ka xoroshoo kana nyaate, yookiin ka untoo Goofta'aa dhuge maruu, gatiin foonii fi dhiiga Goofta'aa isa irra jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni kumuu ka isaan hin malin ta'ee uduu jiru hibsttii qulqulluu Goofta'aa yoo nyaatee fi duloo Goofta'aa'llee yoo dhuge, foon Goofta'aatii fi dhiiga Goofta'aa diqqeessuu isaatiin, itti ni gaafatama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf eennulle akka hin malleen, daabboo Gootta'aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta'aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta'aa waan salphiseef itti gaafatama.