1 Corinthians 11:34 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wolitti qabamuun keessan yakkaa ifitti murisiisiisaaf akka hin teene, nami isin keessaa beelaye yoo jiraate mana ifiititti nyaatuu ti. Marroo waan dhibi'ii ani yennaa achi dhufu, qajeelfama isinii kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami beela qabaate ha mana ufiti sagale nyaatu, aka yo wolwoldeetani qorsuma Waaqa keesa inseenne. Waan hafe kaani anini hojja d'ufu mid'aasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii beelaa qabu yo jiraate ha mana ufitii sagalee nyaatuu, akka yo walwaldeettan murtii Waaqaa keessa hinseenne! Waan hafe kaan yo dhufu midhaasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee yoo beelayee jiraate, hennaa wol geettan akka murtii isinitti hin taane mana ufiititti haa nyaatuu; waan hafellee hennaa dhufe isinitti hima.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee yoo beelayee jiraate, hennaa wolgeettan akka murtii isinitti hin taane, mana ufiititti haa nyaatuu, waan hafellee hennaa dhufe isinitti hima.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wolitti qabamuun keessan murti'iif akka hin taane jidduu keessan naminni beelaye yoo jiraate, mana isaa titti haa nyaatu. Waayee waan hafeetiif yeroo ani achi dhufutti, qajeelcha dabalataa isiniif ni kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wolitti qabamuun keessan yakkaa ifitti mursiisiisaaf akka hin teene, nami isin keessaa beelaye yoo jiraate mana ifiititti nyaatuu ti. Marroo waan dhibi'ii ani yennaa achi dhufu, qajeelfama isinii kenna.