1 Corinthians 11:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma dubartiin mataa ifii hin hagooggatin daadimattu yookiin raaga dubbattu, dhiira dubartii irratti baallii qaddu salphitti. Dubartiin mataa ifii hin hagooggatin, akka mataa haadatteetitti laakkowanti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nad'eeni fulla gumiini jirtuti hagogo male kad'atte yokhaani dubbi Waaqa hasooftu mata ufi ch'eersiti; isiini nad'eeni mata haadattu fakaatti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nadheen yo gumii keessaatti hagooggoo malee Waaqaa kadhatte yokaan yo dubbii Waaqaa haasoofte mataa ufii ceersiti; isiin nadheen mataa haadatte fakkaatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma dubartiin uduu hin haguugganne Rabbiin kadhattu, yookaan ta raaga dubbattu maruu uf salphifti. Kun akka waan mataa ufii haadatteetitti laakkayama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma dubartiin uduu hin haguugganne faateffattu yookiin raaga dubbattu maruu uf saliphiifti. Kun akka waan mataa ufii haadatteetitti laakkayama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana mataa isi'ii uduu hin haguuggatin ka kadhattu yookiin dubarttiin dubbii raagaa dubbattu, dhiira dubarttii irratti aangoo qabu ni salphiftti, dubarttiin mataa isi'ii hin haguugganne, akka waan rifeenissa mataa isi'ii haadattee titti ni laakkayamtti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma dubartiin mataa ifii hin hagooggatin daadimattu yookiin raaga dubbattu, dhiira dubartii irratti baallii qaddu salphitti. Dubartiin mataa ifii hin hagooggatin, akka mataa haadatteetitti laakkowanti.