1 Corinthians 12:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tokkoof hunna bilbaasa hujiisaa, kaaniif hunna raaga dubbataa hin kenna; ka dhibi'iif dandeettii ittiin kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi ayyaana hama'aa addaan baasiisaa, tokkoof dandeettii afaan haareya adda addaatiin dubbatiisaa, ka dhibi'iif dandeettii ittiin waan afaan adda addaatin dubbatame addaan baasiisaa hin kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
toko jabeenna inni waan mamatiini tolchu kennite, ka d'ibi jabeenna dubbi Waaqatiini dubbatu kennitiifi; ammalle nama d'ibi jabeenna inni kenniti Lubbu iraa d'ufteefi ta iraa ind'ufiini himu kennitiifi. Nama toko jabeenna afaani d'ibi dubbatu kennite, ka d'ibi qalbi afaani suni deebisu kennitiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
tokkoo jabeenna innii waan mamatiin tolchu, ka dhibii jabeenna dubbii Waaqatiin dubbatu; ammallee nama dhibii jabeenna innii kennitii hafuura irraa dhufteef ta irraa hindhufin himuun keenneef! Nama tokkoo jabeenna afaan dhibiin dubbatu kenne, ka dhibii qalbi afaan sun deebisuun kenneef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoo raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoo laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoollee raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoollee laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kanaan'llee tokkoof huminna baasa taasisu'uu ni kennaaf, ka bira'aatiif dandeettiin dubbii raagaa dubbachu'uu ni kennaaf, kaaniif ammoo kennaawwan Hafuura Qulqulluu irraa ta'uu isaanii yookiin hafuurota battiiwwan irraa ta'uu isaanii, dandeettiin addaan baasee beeku'uu ni kennaaf. Akkuma kana tokkoof danddeettii afaanota adda addaa dubbachu'uu ni kennaaf, kaaniif ammoo waan afaanota adda addaatiin dubbatame hiiku'uuf danddeettii ni kennaaf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tokkoof hunna bilbaasa hujiisaa, kaaniif hunna raaga dubbataa hin kenna; ka dhibi'iif dandeettii ittiin kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi ayyaana hama'aa addaan baasiisaa, tokkoof dandeettii afaan haareya adda addaatiin dubbatiisaa, ka dhibi'iif dandeettii ittiin waan afaan adda addaatiin dubbatame addaan baasiisaa hin kenna.