1 Corinthians 12:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ayyaana tokkochuma sanitti tana duudii godha; Ayyaanni Woyyichi akka fedhetti nama tokko tokkoofuu kennansa addaa kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Lubbu takatiti waan kana ch'ufa tolcha; isiini akuma feetu nama ch'ufa kenni aka aka kenniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo hafuura tokkochaatti waan kana cufaa tolcha; innii akkuma fedhu nama cufaa kennii akka akkaa kenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana maraa ammo Ayyaanni tokko sun akka fedha ufiititti qooda'aa hojjata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana maraa ammoo Ayyaanni tokko sun akka fedha ufiititti qooda'aa hojjata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee kana maraa ka raawwatu Hafuuruma Qulqulluun tokko san, Hafuurri Qulqulluun akka fedhe, nama tokkoo tokkoof kennaa adda ta'e ni kennaaf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaana tokkochuma sanitti tana duudii godha; Ayyaanni Woyyichi akka fedhetti nama tokko tokkoofuu kennansa addaa kenna.