1 Corinthians 12:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu'uuf kennameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma nu ch'ufa, Yahudifi gosa d'ibile, tisseefi balchale, ya Lubbuuni nafa tokocha kanati nu batifte, ammalle nuu ch'ufa ya Lubbu taka quufsani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nuu Yihudiillee, warra gosa dhibiillee, tissee fi balchaalee, ya hafuura nafa tokkocha kanaatiin nu cuuphe; ammallee nuu cufa ya hafuura takka quufsan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu maruu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf; nu maruu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu martinuu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf, nu martinuu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudicha'llee yoo taane namoota Giriiki'ii yoo taane, garboota'llee yoo ta'e, namoota bilisaa'llee yoo ta'e, qaama tokko ta'uuf Hafuura Qulqullu'uun cuuphamnnee jirra, marri keennaa Hafuuruma tokko kanaan irraa dhuginnee jirra.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu'uuf kennameera.