1 Corinthians 12:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Miilli harkaan, “Ani harka waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti” yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo sila miili, Anini harkaaniti, tanaafi mita nafaatiniti ufiini jed'e, sunini mita tahu ind'owartu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo silaa miilii, “Anin harkaanitii, tanaaf mittaa nafaatiniti” ufiin jedhee, suniin mittaa tahuu hindhowartu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lutti yoo harkaan, «Ani harka miti; qaama nafaatiillee miti» jette; akkas jette'eef kutaa nafaa ta'uun isi'ii hin hafaa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Lutti harkaan, «Ani harka miti, qaama nafaatiillee miti» yoo jettee; akkas jette'eef kutaa nafaa ta'uun isi'ii hin hafaa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Miilli, «Ani harka waan hin ta'iniif kutaa qaamaatii miti!» yoo jedhe, eegaa akkana jechuu isaatiin kutaa qaamaa ta'uun isaa ni hafaa ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Miilli harkaan, «Ani harka waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu.