1 Corinthians 12:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gurrille, “Ani ila waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti” yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo sila gurri, Anini ilaaniti, tanaafi anini mita nafaatiniti ufiini jed'e, tunini mita nafa tahu ind'owartu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo silaa gurrii, “Aanin ilaanitii, tanaaf anin mittaa nafaatintii” ufiin jedhef, tunin mittaa nafaa tahuu hindhowartu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gurrillee, «Ani ija waan hin taaneef, qaama nafaatii miti» uduu jedhee, kana jedhe'eef kutaa nafaa ta'uun isaa hin hafaa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gurrillee ani ija waan hin taaneef, qaama nafaatii miti uduu jedhee, kana jedhe'eef kutaa nafaa ta'uun isaa hin hafaa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gurri'llee, «Ani ijaa waan hin ta'iniif kutaa qaamaatii miti» yoo jedhe, eegaa akkana jechuu isaatiin kutaa qaamaa ta'uun ni hafaa ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gurrille, «Ani ila waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu.