1 Corinthians 12:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
qooda nafa keennaa keessaa ka ulfinna diqqaa qabanu fakkaatanee nu'utti mudhatanuuf, caalchinnee ulfinna kennina; qooda nafa keennaa ka fokkisiisanu fakkaatanee ka nu'utti mudhatanuuf ammoo, caalchinnee kabajjaa kenninee hin eeganna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
mita nu womanu inseenne guddo qorqoranna; ammalle mita guddo imid'aanne guddo jabeesina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu mittaa homaanuu hinseenne guddoo qorqoranna; ammallee mittaa guddoo hin midhaannee guddoo jabeessina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qaamolee nafaa worra hin kabajjamne ka nutti fakkaatan, ulfinna caalu isaanitti uwwifna. Qaama keenna ka ittiin saalfannu ammo ulfinnatu isaanii eda'ama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qaamoolee nafaa worra hin kabajjamne ka nutti fakkaatan, ulfinna caalu isaanitti uwwifna. Qaama keenna ka ittiin saalfannu ammoo ulfinnatu isaanii eda'ama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ulfinna diqqaa ka qaban fakkaatanii ka muldhatan Kutaawwan qaamaatiif, caala'atti ulfinna isaaniif ni kennina, laalu'uuf ka saalfachiisan fakkaatanii ka muldhatan kutaawwan qaamaatiif, caala'atti ulfinna kennineefii isaaniif ufi ni eegganna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year