1 Corinthians 12:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qooda nafa keennaa ka ilatti mudhattuuf ammoo, wonni kun duudiin hin barbaachittu. Waaqi ammoo, qoodi nafaa tuffatamaan ulfinna irra caalu akka qabaatu wolitti qabeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mita tamiti mid'aaguma guddo infeene! Waaqi mita nafa keenna, aka dansa wolti naqe uume, aka mitaani ulfinna feetu ulfinna argatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mittaa tamii midhaaguma guddoo hinfeene! Waaqii mittaa nafa keennaa, akka dansaa walti naqee uume, akka mittaan ulfinna feetu ulfinna argatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qaamoleen keenna ka ulfinna qaban ammo isaan hin barbaachisu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qaamooleen keenna ka ulfinna qaban ammoo, isaan hin barbaachisu. Haata'uu ammoo qaamooleen ufii sirri'itti akka wolii yaadaniif malee, nafaan akka gargar hin baaneef qaama kanniinii waan hanqate ulfinna caalu kenna'aati Rabbi akkanaan nafa wolitti qamashe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ija duranatti ka muldhatan kutaawwan qaamaatiif garuu kun marrinuu isaaniif hin barbaachisu, Waaqinni garuu isaan laalu'uuf ka saalfachiisan fakkaatanii kutaawwan qaamaa ka muldhatan, ulfinna caalaa ta'een akka qabaman taasisee, kutaawwan qaamaa wol qabsiisee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qooda nafa keennaa ka ilatti mudhattuuf ammoo, wonni kun duudiin hin barbaachittu. Waaqi ammoo, qoodi nafaa tuffatamaan ulfinna irra caalu akka qabaatu wolitti qabeera.