1 Corinthians 12:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi wolde'a kiristaanaa keessatti dursee ergantoota, itti aansee raagota, sadeesoo barsiisota, achiin duuba worra bilbaasa huju, isaanitti aansee worra kennansa dhibamaa fayyisiisaa qabu, worra kennansa namoota qarqaariisaa qabu, bulchitootaa fi worra afaan haareyaan dubbatanu kaaseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi keesaleti Waaqi ya nama ch'ufa fulla ufi kenneefi: qaraa fiit'e ergattu, ta lameeso raagoota, ta sadeeso barsiiftu; duuba jara waan mama tolchuufi ka d'ukuba fayyisufi ka nama qarqaarufi ka nama dura deemuufi jara afaani d'ibiini dubbatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumii keessaaleetti Waaqii nama cufaa ya fulaa kenneef; qaraa fiixee ergamtootaa, lameessoo raagoota, sadeessoo barsiisotaa; achiin duuba warra waan mamaa tolchu, warra dhukkuba fayyisu, warra nama qarqaaruu, warra nama dura yaa'uu fi warra afaan dhibiin dubbatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Rabbi namni maruu woldaa Kiristaanaa keessatti akka tajaajila gara garaatiin tajaajilu godhe; akka kanaan jalqaba ergamtoota, lammeessoo raattota, sadeessoo Barsiisota muudeera; kanatti aansee worra maalalee godhu, kennaa fayyisu'uu, worra gargaaru, bulchiinsaa fi laagaa adda addaa kenneera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbillee woldaa Kiristaanaatitti dursee ergamoota, lammaffaa raattota, sadaffaa Barsiisota, maalalee godhuu, kennaa fayyisu'u, gargaarsa, bulchiinsaa fi laagaa adda addaa kenneera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Waaqinni tokkoon tokkoon namaa Mana Waaqeffanna'aa keessatti tajaajila adda ta'e akka qabaatu taasisee jira, bu'ura kanaan'llee jalqaba ergamittoota, lammaffaa nabiyyoota, sadaffaa barsiisota muudee jira. Itti aanssee'llee baasaa worra raawwatan, itti aanssee'llee kennaa fayyisu'uu worra qaban, namoota gargaaru'uuf worra kennaa qaban, bulchitootaa fi afaanota adda addaatiin namoota dubbatan ramadee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi wolde'a kiristaanaa keessatti dursee ergantoota, itti aansee raagota, sadeessoo barsiisota, achiin duuba worra bilbaasa huju, isaanitti aansee worra kennansa dhibamaa fayyisiisaa qabu, worra kennansa namoota qarqaariisaa qabu, bulchitootaa fi worra afaan haareyaan dubbatanu kaaseera.