1 Corinthians 12:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Duudiinuu kennaa dhibamaa fayyisiisaa qabaanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan dubbatanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan ka dubbatame hiikuu dande'anii ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yokhaani waan fayyad'abaani fayyisu wo qaba? Yokhaani waan afaani d'ibiini dubbatu wo qaba? Yokhaani waan qalbi afaani suniini deebisu wo qaba? Hiyyo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
yokaan ka waan fayyaa dhabeen fayyisu, yokaan ka afaan dhibiin dubbatu, yokaan qalbii afaan suniin deebisu wa qabaa? Hiyyoo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maruu keennaa fayyisu'uu qabanii? Maruu laagaa addaatiin dubbatanii? Maruu hin hiikanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maruu keennaa fayyisu'u qabanii? Martinuu laagaa addaatiin dubbatanii? Maruu hin hiikanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Marrinuu kennaa hafuuraa worra qabanii ree? Marrinuu afaan adda addaatiin dubbachu'uuf worra danddeettii qabanii ree? Marrinuu waan afaan adda addaatiin dubbatame hiiku'uuf worra dandeettii qabanii ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Duudiinuu kennaa dhibamaa fayyisiisaa qabanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan dubbatanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan ka dubbatame hiikuu dande'anii ree?