1 Corinthians 13:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani yennaa ijoolle'ee akka ijoolle'ee dubbadhe; akka ijoolle'ee yaadadhe; akka ijoolle'ee herrege; amma ammoo, guddadheen duuba amala ijoollumma'aa lakkiseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa anini ijoolle hasaa kiyyafi herega kiyyafi hubachaani tiyya ta ijoolleeti ammo amma anini nama gudda, waan ijoolluma la keesaa bahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa anin ijoollee haasa'i kiyyaa, herregii kiyyaa fi hubachaan tiyyaalleen ta ijoolleetti; amma ammoo anin nama guddaa, waan ijoollumaa la keessaa bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa ijoolle'ee akka ijoolle'ee dubbadha, akka ijoolle'ee yaada, akka ijoolle'eetitti laakkaya; haga ka'imoome ammo amala kiyya ka ijoollumma'aa dhiiseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa ijoolle'ee, akka ijoolle'ee dubbadha, akka ijoolle'ee yaada, akka ijoolle'eetitti laakkaya, haga ka'imoome ammoo amala kiyya ka ijoollumma'aa dhiiseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Daa'ima yeroo turetti akka daa'imaa titti ni dubbadha ture, akka daa'imaa titti'llee ni yaada ture, akka daa'imaa titti ni qoradha ture, nama guutuu yeroo ta'etti garuu, amala daa'imummaa kiyyaa ni dhiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani yennaa ijoolle'ee akka ijoolle'ee dubbadhe; akka ijoolle'ee yaadadhe; akka ijoolle'ee herrege; amma ammoo, guddadheen duuba amala ijoollumma'aa lakkiseera.