1 Corinthians 13:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni amma nuuti dhagginu akka daaww'itii keessaatti caararra'aan dhagginuu ti; yennaa san ilumaan hin dhaggina. Wonni ani amma beeku gamisa; yennaa san qixxee Waaqi ana beekutti, beekkunsa guutuu hin qabaadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti nu amma agarru kunini fakeenna dawiti keesaa ka aka dansa imullanne fakaatti; ammo gaafasi aka dansa wolagarra. Wonti anini amma tana beekhu qit'eniti; ammo gaafasi qit'oofti, akuma Waaqi naani beekhu qit'oofti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii nu amma garru kunin fakkeenna daawitii keessaa ka akka dansaa hinmullanne fakkaata; gaafas ammoo akka dansaa walagarra. Wantii anin ammaa tana beekhu qixxenti; ammoo gaafas qixxoofti, akkuma Waaqii naan beekhu qixxoofti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Adha akka waan uf argaa dimimmisaa keessa laaluuti; hennaa san ammo addaata'atti wol argina. Wonti amma beeku hago'o. Hennaa san ammo anillee akkasuma akka beekkame hin beeka.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Adha akka waan ufargaa dimimmisaa keessa laaluuti; hennaa san ammoo addaata'atti wol argina. Wonti amma beeku hago'o. Hennaa san ammoo anillee akkasuma akka beekkame hin beeka.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma akka waan daawi'ite'een laalluu titti dimimisaan ni laalla, yeroo sanitti garuu ifaan ni argina, amma ka beekinnu gamisaan, yeroo sanitti garuu haga Waaqinni ana ka beeku beekkomissa guutuu ni qabaadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni amma nuuti dhagginu akka daaw'itii keessatti caararra'aan dhagginuu ti; yennaa san ilumaan hin dhaggina. Wonni ani amma beeku gamisa; yennaa san qixxee Waaqi na beekutti, beekkumsa guutuu hin qabaadha.