1 Corinthians 13:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Raaga dubbatiisaaf kennaa qabaadhee, dhossaa duudii beekee, beekkunsa duudii qabaadhee, dhugeeffannaa guddoo ta gaara adde'ee buqqittu qabaadhee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, ani womaa moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato anini guddo hasau beekhe, qalbi ch'ufa qabaad'e waan d'ossani ch'ufa beekhe d'ugefacha gaara buqiftu qabaad'e, ammo jaalala inqamne, anini woma keesa injiru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin yo guddoo haasaa'uu beekee, qalbii cufa qabaadhee, waan dhossan cufaa beekee, dhugeeffachaa gaara buqiftu qabaadhee, ammoo jaalala hinqamnee homaa keessa hinjiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raaga dubbachuu yoo qabaadhe, dhossaa maraa fi beekkumsa maraa yoo beeke, haga gaarran hule'ee kaasutti amantii maraa yoo qabaadhe, jaalala ammo yoo hin qabaanne duwwa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Raaga dubbachuu yoo qabaadhe, dhossaa maraaf beekkomsa maraa yoo beeke, haga gaarran hule'ee kaasuutti amantaa maraa yoo qabaadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne duwwa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dandeettii dubbii Waaqinni natti hime dubbachu'uutiif'llee kennaa yoo qabaadhee fi dhossaa mara'llee uduu hubadhee, beekkomissa mara'llee uduu qabaadhee, gaara'llee bakka tokkoo gara bakka bira'aa ka deemisisu amantii mara'llee uduu qabaadhee, jaalala yoo hin qabaatin ani tasa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raaga dubbatiisaaf kennaa qabaadhee, dhossaa duudii beekee, beekkumsa duudii qabaadhee, dhugeeffannaa guddoo ta gaara adde'ee buqqittu qabaadhee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, ani womaa moti.