1 Corinthians 14:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Biyya lafaa irratti afaan hedduun adda addaa jira; isaan keessaa hiikkaa ka dhabe hin jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Afaani gosa hedduti lafa keesa jira, ammo ch'ufti wo jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Afaan gosa hedduutti lafa keessa jira, cuftii ammoo wa jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Adunyaa irra maal laataa afaan laakkobsaa oliititu jira. Afaan hiikkaa hin qabne hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Adunyaa irra maal laataa afaan lakkoofsaa oliititu jira. Afaan hiikkaa hin qabne hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Biyya lafaa irra afaanonni baayi'een ni jiran, afaan hiikkaa hin qabnne'llee hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Biyya lafaa irratti afaan hedduun adda addaa jira; isaan keessaa hiikkaa ka dhabe hin jiru.