1 Corinthians 14:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee wolde'a kiristaanaa keessatti, afaan hin beekkanneen jecha kuma kudhan dubbachuu irra, namoota dhibii barsiisiisaaf, jecha shan afaan beekkamuun dubbatuu jaaladha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo kad'acha gumi keesati anini sila dubbi shani ta nami ch'ufti hubachu dandau dubbachu fed'a, aka nama d'ibi barsiisu, fulla dubbi kunki shani afaani d'ibiini dubbad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hataatuu malee, kadhachaa gumii keessatti anin silaa dubbii shan ta namii cuftii hubachuu danda'u dubbachuu fedha, akka nama dhibii barsiisu, fulaa dubbii kuunkii shanii afaan dhibiin dubbadhu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo kaawwan akkasuma barsiisu'uuf woldaa Kiristaanaa keessatti dubbii hagaa olii afaan haarawaan dubbachu'uu mannaa dubbii shanii sammuu kiyyaan dubbachuu jaaladha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, kaawwan akkasuma barsiisu'uuf woldaa Kiristaanaa keessatti dubbii hagaa olii afaan haarawaan dubbachu'uu mannaa, dubbii shanii sammuu kiyyaan dubbachuu jaaladha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu afaanota adda addaatiin jechoota kuma baayi'etti laakkayaman dubbachuu irra, kaanniin barsiisu'uuf jecha woldaya amanti'ii titti, afaan jechoota shan beekuun, sammu'uun dubbachuu ni jaaladha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee wolde'a kiristaanaa keessatti, afaan hin beekkanneen jecha kuma kudhan dubbachuu irra, namoota dhibii barsiisiisaaf, jecha shan afaan beekkamuun dubbatuu jaaladha.