1 Corinthians 14:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Waan hantu'uuf daa'immaan te'a'a; yaada keessaniin ammoo worra guddatane te'aa malee, daa'immaan hin te'ina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Herega keesani keesa aka ijoolle intahiina, oboleyaani tiyya; waan hameennati ijoolle taha, ammo herega keesani keesati nama gudda taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan tiyyaa! Herrega keessan keessaatti akka nama guddaa ta'aa malee, akka ijoollee hintahiina! Waan hammeennaatti ammoo ijoollee tahaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'imman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'iman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Waan hama'aaf daa'imman ta'aa malee, yaada keessaniin akka daa'immanii hin ta'inaa, karaa irra yaada keessaniin ka bilchaattan ta'aa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Waan hantu'uuf daa'immaan te'a'a; yaada keessaniin ammoo worra guddatane te'aa malee, daa'immaan hin te'ina'a.