1 Corinthians 14:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffama Woyyicha keessatti, “‘Ani karaa namoota afaan haareya dubbatanuutii fi karaa namoota afaan ormaa dubbatanuutiin, kolbaa tanatti hin dubbadha; tun teetulle kolbaan tiyya ana hin dhageettu’ jedha Goottaan” jedhantee barreenfanteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seera Waaqa keesati waan t'aafani. Aabbooni waan jed'u, Anini worra kanati dubbad'a; nama afaani d'ibi dubbatuufi hid'i nyaapatiini iti dubbad'a. Ammo yo sunile gumiini tiyya na inch'aqaftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Seera Waaqaa keessatti, “Anin warra kanaatti dubbadha; nama afaan dhibii dubbatuutti hidhii ormaatiin dubbadha yo sunillee ammoo gumiin tiyya na hincaqaftu” ka Aabboon jedhee la barreessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkana jedhamee seera keessatti barreeffameera. «‹Afaan haarawa namoota dubbataniif, afaan biraatiin banii kanatti hin dubbadha; akkanallee ta'ee naa hin dhagayan› jedhe Gooftaan.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkana jedhamee seera keessatti barreeffameera. «‹Afaan haarawa namoota dubbataniif, afaan biraatiin banii kanatti hin dubbadha; akkanallee ta'ee naa hin dhagayan› jedhe Gooftaan.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee, «Afaan adda addaatiin namoota dubbatanii fi afaan namoota biyya bira'aatiin ummata kanatti ni dubbadha, kana'llee ta'ee naa hin dagayan, jedha Waaqinni Gooftaan» jedhamee, seeraan barreeffamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffama Woyyicha keessatti, «‹Ani karaa namoota afaan haareya dubbatanuutii fi karaa namoota afaan ormaa dubbatanuutiin, kolbaa tanatti hin dubbadha; tun teetulle kolbaan tiyya ana hin dhageettu› jedha Goottaan» jedhantee barreenfanteerti.