1 Corinthians 14:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf afaan haareyaan dubbachuun beessisa worra hin dhugeeffanneef kenname malee, worra dhugeeffateef ka kennamee moti; raagi ammoo worra dhugeeffateef malee, worra hin dhugeeffanneefii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi afaani d'ibiini dubbachaani worra ind'ugefatiini akheekha, worra d'ugefacha qabu woma keesa injirtu. Ammalle dubbi Waaqa dubbachaani waan worra d'ugefateti, worra d'ugefacha inqamne woma keesa injirtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf afaan dhibiin dubbachuun warra hindhugeeffatnii akheekhaa, warra dhugeeffachaa qabu ammoo homaa keessa hinjirtu. Ammallee dubbii Waaqaa dubbachuun waan warra dhugeeffateeti, warra dhugeeffachaa hinqamnee ammoo homaa keessa hinjirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa afaan haarawaan dubbachuun worra hin amanneef malkata malee, worra amananiifii miti. Raaga dubbachuun ammo worra amaneef malee worra hin amanneefii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa afaan haarawaan dubbachuun worra hin amanneef malkata malee, worra amananiifii miti. Raaga dubbachuun ammoo worra amanneef malee ka hin amanneefii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf afaanota adda addaatiin dubbachuun malikata ka ta'u namoota hin amanneef malee namoota amananiifii miti, dubbii raagaa dubbachu'uu garuu malikata ka ta'u, namoota amananiif malee namoota hin amanneefii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf afaan haareyaan dubbachuun beessisa worra hin dhugeeffanneef kenname malee, worra dhugeeffateef ka kennamee moti; raagi ammoo worra dhugeeffateef malee, worra hin dhugeeffanneefii moti.