1 Corinthians 14:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo isin martinuu adoo raaga dubbatiisatti jirtanuu, nami hin dhugeeffatin yookiin nami dubbiin tun isaaf hin galle yoo ol seene, waan dhage'een cubbuu ifii hubata. Akkasuma dubbii dhage'u duudi'iin isatti muranti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo nami ch'ufti dubbi Waaqa hasae, nami diida ka ind'ugefatiini, yo olseene, maro dubbi teesanitiifi aka daba qabu ufi arge ufi qora.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo yo adoo namii cuftii waan Waaqii itti mullise haasa'uu jiru, namii hindhugeeffatin yo alaa olseenee, wantii isan dubbattan sun cuftii garaa isaa tuxeetti, akka cubbuu qabu ufiitti mura.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu maruu raaga dubbatanii ammo ka hin amanne, yookaan namni hin baranne uduu seenee maruu cubbuu ufii hubatee gaabba; waan maraa hin qorata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu maruu raaga dubbatanii ammoo, ka hin amanne yookiin namni hin baranne uduu seenee martinuu cubbuu isaa hubatee gaabba; waan maraa hin qorata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu tokkoon tokkoon dubbii waan Waaqinni himee uduu dubbateetii ka itti hin amanne yookiin naminni hin beekinne uduu dhufee, jecha dhagayu maraanuu ni gilndifama, akkuma kana jecha dhagayu maraanuu itti ni murttaaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo isin martinuu adoo raaga dubbatiisatti jirtanuu, nami hin dhugeeffatin yookiin nami dubbiin tun isaaf hin galle yoo ol seene, waan dhage'een cubbuu ifii hubata. Akkasuma dubbii dhage'u duudi'iin isatti muranti.