1 Corinthians 14:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhossaan gadhaa isaa keessa jirtulle ifatti hin baati; innille addaan lafatti jigee, “Dhugumaan Waaqi odduu teessan jira” jedhaa Waaqaaf sagada.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Herega isaa ka d'ossa mullisaniti, inni gadi jed'e Waaqa kad'ate waan jed'u, Waaqi d'uguma arma isani woliini jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Herrega isaa ka dhossaa mullisanitii, innii gadi jedhee Waaqaa kadhatee, “Waaqii dhuguma arma isan waliin jira” jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan garaa isaatitti dhokkatellee hin ibsa; akkasuma, «Dhugamaan Rabbi isaan jidduu jira» jedhee dubbata'aa afo'otti kufee Rabbii sagada.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan garaa isaatitti dhokkatellee hin ibsa, akkasuma, «Dhugamaan Rabbi isaan jidduu jira» jedhee dubbata'aati afo'otti kufee Rabbii sagada.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Onnee isaa keessatti wonitti dhoffame'llee ni muldhatta, kallacha isaatiin'llee gonbbifamee, «Dhugamaanuu Waaqinni jidduu keessan ni jira!» jechu'uun, Waaqaaf ni sagada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhossaan gadhaa isaa keessa jirtulle ifatti hin baati; innille addaan lafatti jigee, «Dhugumaan Waaqi odduu teessan jira» jedhaa Waaqaaf sagada.