1 Corinthians 14:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Yoona maan jenna ree? Yennaa wolitti qabantanu isin keessaa tokko faarsiisa, tokko barsiisiisa, tokko mudhii, tokko afaan haareyaan dubbatiisa, tokko waan dubbatame hiikiisa hin qabaata. Wonni kun duudiin ammoo, wolde'a kiristaanaa ijaariisaaf te'uu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini jechu jiru kunini maani, oboleyaani? Hojja isani wolwoldeetani, nami toko sirba qaba, toko barsiisa qaba, toko waan Waaqi iti mullise qaba, ka d'ibiini afaani d'ibiini dubbata, kaani afaani deebisaafi. Wonti ch'ufti sila gumi qarqaaru malte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan tiyya; wantii anin jechuu jiru kunin maan? Yo isan walwaldeettan, namii tokko sirba qaba, tokko barsiisa qaba, tokko waan Waaqii itti mullise qaba, ka dhibiin afaan dhibiin dubbata, ka dhibiin ammoo afaan dubbatame sun deebisa. Wantii cuftii silaa gumii qarqaaruu malte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa obboleeyyan tiyya! maali'i? Hennaa wol geettan maraafuu faaruu, barumsa, mudhata, afaan haarawaan dubbatu'uu fi ka hiikullee maruu ijaaru'uuf haa ta'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa obboleeyyan tiyya! maali'i? Hennaa wolgeettan maraafuu faaruu, barumsa, mudhata, afaan harawaan dubbatu'uu fi ka hiikullee maruu ijaaru'uuf haata'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Eegaa maal raawwachuu qabnna? Kadhanna'aaf yeroo wolitti qabamittanitti isin keessaa tokko kennaa faarffanna'aa ni qaba, ka bira'aa kennaa barsiisu'uu ni qaba, tokko waan dhossaa ta'e ibisu'uuf kennaa ni qaba, tokko kennaa afaan adda addaatiin dubbachu'uu ni qaba, ka bira'aa kennaa hiiku'uu ni qaba, eegaa kennaan kun marrinuu ka kristaanota ijaaru ta'uu qaba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Yoona maan jenna ree? Yennaa wolitti qabantanu isin keessaa tokko faarsiisa, tokko barsiisiisa, tokko mudhii, tokko afaan haareyaan dubbatiisa, tokko waan dubbatame hiikiisa hin qabaata. Wonni kun duudiin ammoo, wolde'a kiristaanaa ijaariisaaf te'uu ti.