1 Corinthians 14:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri afaan haareyaan dubbatu yoo jiraate, lama yookiin yoo heddate sadi callaan, badoo badoo'oon dubbatuu ti; nami tokko ammoo waan dubbatame san hiikuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami afaani d'ibiini dubbachu fed'e, nami lamaa sadi ha woli gula dubbatuuti, nami d'ibileeni ha afaani deebisuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii yo afaan dhibiin dubbachuu fedhe, namii lamaa sadii ha wali gula dubbatuutii, namii dhibiilleen ha afaan deebisuufii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka afaan haarawa dubbatu yoo jiraate, lama yookaan yoo guddate sadihi ta'ee kore koree haa dubbatanii; tokko ammo haa hiikuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka afaan haarawa dubbatu yoo jiraate, lama yookiin yoo guddate sadi ta'ee kore koree haa dubbatanii, tokko ammoo haa hiikuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Afaan adda addaatiin ka dubbatan yoo jiraatan lama yookiin yoo baayi'ate sadihi ta'anii tartiibaan haa dubbatan, waan isaan dubbatan'llee naminni bira'aa haa hiiku.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri afaan haareyaan dubbatu yoo jiraate, lama yookiin yoo heddate sad callaan, badoo bado'oon dubbatuu ti; nami tokko ammoo waan dubbatame san hiikuu ti.