1 Corinthians 14:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko ani raaga'a yookiin kennaa ayyaanaa qaba ka jedhu yoo jiraate, ajaji ani barreesse kun ka Gootta'aa akka te'e beekuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami tokoleeni ergattu Waaqa ufi sehe yokhaani waan kenniti Lubbu qabu ufi sehe, aka wonti anini t'aafu jiru kunini Seera Waaqa hubachu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo namii tokkolleen ergamaa Waaqaa ufi sehe yokhaan waan kennitii hafuura qabu ufi sehe, akka wantii anin barreesuu jiru kunin seera Waaqaa hubachuu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee raaga yookaan nama Ayyaanaa waan ta'e yoo itti fakkaate ka isinii barreesse kun ajaja Goofta'aa akka ta'e haa beekuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee raaga yookiin nama Ayyaanaa waan ta'e yoo itti fakkaate ka isinii barreesse kun ajaja Goofta'aa akka ta'e haa beeku.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani nabiyyi'i yookiin ani kennaa hafuuraa ni qaba naminni jedhu yoo jiraate, kun ka isinii barreesse ajaja Goofta'aa ta'uu haa beeku.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko ani raaga'a yookiin kennaa ayyaanaa qaba ka jedhu yoo jiraate, ajaji ani barreesse kun ka Gootta'aa akka te'e beekuu ti.