1 Corinthians 14:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin duudiin afaan haareyaan akka dubbattanu hin jaaladha; ammoo san caalaa kennaa raaga dubbatiisaa akka qabaattanu jaaladha. Waan afaan haareyaan dubbatame san, akka wolde'i kiristaanaa ittiin ijaramu nami tokko yoo hiike malee, nama afaan haareyaan dubbatu caalaa ka raaga dubbatutti caala.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini isani ch'ufa ka afaani d'ibiini dubbattani fed'a; ammo sule ira anini isani ch'ufa ka dubbi Waaqa hasooftani fed'a. Wonti akanatiifi nami dubbi Waaqa hasau ka afaani d'ibiini dubbatu ira jira, yo nami afaani deebisuufi jiraate male, aka gumi ch'ufa qarqaarani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin isanii cufaa ka afaan dhibiin dubbattan fedha; sullee irra ammoo isanii cufa ka dubbii Waaqaa haasooftaan fedha. Wantii akkanaatiif namii dubbii Waaqaa haasa'uu ka afaan dhibiin dubbatu irra jira, akka gumii cufaa qarqaaru namii afaan dhibiin deebisu jiraachuu male akka gumii cufaa qarqaaru afaan deebisuuf jiraate male, akka gumii cufaa qarqaaran.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin maruu akka afaan haarawaan dubbattan fedha; Kana caalaa uduu raaga dubbattanii fedha; akka woldaan Kiristaanaa ijaaramutti yoo dubbii hin hiinne afaan haarawaan ka dubbate irra ka raaga dubbatutu caala.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin maruu akka afaan haarawaan dubbattan fedha; Kana caalaa raaga uduu dubbattanii fedha; akka woldaan Kiristaanaa ijaaramutti dubbii yoo hin hiinne afaan haarawaan ka dubbate irra ka raaga dubbatutu caala.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Marri keessanuu afaan adda addaatiin uduu dubbattanii ni jaaladha ture, caala'atti ka jaaladhu garuu waan Waaqinni isinitti hime yoo dubbattan, woldeenni amanttootaa akka ijaaramuuf afaan adda addaatiin waan dubbatamee ka hiiku yoo hin jirree, nama afaan adda addaatiin dubbatu irraa, nama waan Waaqinni itti hime dubbatutu caala.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin duudiin afaan haareyaan akka dubbattanu hin jaaladha; ammoo san caalaa kennaa raaga dubbatiisaa akka qabaattanu jaaladha. Waan afaan haareyaan dubbatame san, akka wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu nami tokko yoo hiike malee, nama afaan haareyaan dubbatu caalaa ka raaga dubbatutti caala.