1 Corinthians 14:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre obboleeyyan tiyya! Ani mudhii yookiin beekkunsa yookiin raaga yookiin barsiisa tokko adoo hin dubbatin, afaan haareya calla'aan dubbataa gara keessan yoo dhufe, maan isinii baya?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi oboleyaani, yo anini gara keesani d'ufe afaani d'ibiini dubbad'e maani isanii baati? Woma tokole, yo anini dubbi Waaqi mulliseeni d'ufe male, yokhaani qalbi woi, yokhaani d'aamsa Waaqaa yokhaani barsiisa woitiini d'ufe male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf obboleeyyaan, yo anin gara keessan dhufee afaan dhibiin dubbadhe maan isanii baati? Homaa tokkollee, isanii hinbaatu yo anin dubbii Waaqii mulliseen dhufe male, yokaan qalbii wahii, yokaan dhaamsa Waaqaa, yokaan barsiisaa wahitiin dhufe male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma ammo obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufee uduu afaan haarawa dubbadhee, mudhata, yookaan beekkumsa, yookaan raaga, yookaan barumsa yoo isinitti hin himne maal isin fayyada.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amma ammoo obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufee uduu afaan haarawa dubbadhee, mudhata yookiin beekkomsa yookiin raaga yookiin barumsa yoo isinitti hin himne maal isin fayyada.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa yaa obboleeyyan! Gara keessan yeroo dhufutti, afaan adda addaatiin dubbata'aa yoo dhufee maal isin fayyada? Kana irra ka isin fayyadu dhossaa Waaqaa ibisuu, waayee beekkomissaan raaga dubbachu'uu, barumisa isinii qabee yoo dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre obboleeyyan tiyya! Ani mudhii yookiin beekkumsa yookiin raaga yookiin barsiisa tokko adoo hin dubbatin, afaan haareya calla'aan dubbataa gara keessan yoo dhufe, maan isinii baya?