1 Corinthians 14:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Suusullee yookiin kiraara meya lubbuu hin qanne irrattuu, qoonqoon afuufantu yookiin dhoyantu sun qoonqoo adda addaa yoo hin qabaatin, qoonqoon isaan dhageessisanu ta attamii akka teete attamiin beekkanti ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Me; miha sirba ka aka magalatatifi kiraari herega; yo aka dansa d'ahani male sirba d'au jirani suni nami tokoleeni inhubata?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Me; mi'a sirbaa ka akka magalataatii fi kiraaraa heregaa; yo akka dansaa dhahan malee sirba dha'uu jiran sun namii tokkolleen hinhubataa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wontoonni akka booba'aa, kiraari'ii ka lubbuu hin qabne laagaa dhageessisee garaagarummaa sagalee isaanii attamiin beekuu danda'ama?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wonti lubbuun keessa hin jirre boobaa, kiraarii, laagaa dhageessisee garaagarummaa laaga'aa yoo hin ibsine ka boobaa yookiin kiraarii dhayuu faaruun attamitti beekkama?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka akka ululle'eetii fi akka kiraaraa ka jiran meeshaawwan sirbaa ka lubbuu hin qabinnee, sirraayinna qoonqqa addaa ka hin qabinne qoonqqi sirbaa ka kennan, maal ta'uun isaa attamitti beekkamaa?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Suusullee yookiin kiraara meya lubbuu hin qanne irrattuu, qoonqoon afuufantu yookiin dhowantu sun qoonqoo adda addaa yoo hin qabaatin, qoonqoon isaan dhageessisanu ta attamii akka teete attamiin beekkanti ree?