1 Corinthians 14:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma, wonni isin afaan haareyaan dubbattanu ka hin beekkanne yoo te'e, nami waan isin dubbattane attamiin beekuu dande'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanuu teetan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma nami akamiini dandae waan atini dubbattu hubata, yo atini afaani d'ibiini dubbi nami hubachu indandeenne dubbatte? Dubbini tante qilleensa keesa baddi!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkasumaa yo atin waan namii hinhubanne dubbate, namii akkamiin danda'ee waan atin dubbattu hubata? Dubbiin tantee qilleensa keessa baddi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma isin ammo dubbii hubatamaa afaaniin yoo hin dubbanne namoonni waan isin dubbata'aartan attam godhanii hubatan? Nama qilleensatti dubbate waan taataniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma isin ammoo dubbii hubatamaa afaaniin yoo hin dubbanne namoonni waan isin dubbata'aartan attam godhanii hubatan? Nama qilleensatti dubbate waan taataniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana isin afaaniin woliin yoo dubbattan jechoota ifa ta'aniin yoo dubbachuu dhabaattan, waan isin woliin dubbattan eennutu beeku'uuniif danda'a? Akka waan bubbe'etti dubbattanii ni taatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma, wonni isin afaan haareyaan dubbattanu ka hin beekkanne yoo te'e, nami waan isin dubbattane attamiin beekuu dande'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanuu teetan.