1 Corinthians 15:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Amma ammoo badhaadha Waaqaatiin akka amma te'e kana te'ee dhaggama; baadhaadhi inni anaaf kennelle akkanumaan hin hanne. Ani ergantoota taan caalaa dadhabee hujeera; tana ka huje badhaadha Waaqaa ka ana woliin jiru malee, anaa moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo maro eeba Waaqaatiifi anini akuma jiru jira, eebiti inni naa kenne ufumaa imbanne. Ammo, anini ergattu ch'ufa ira jabaad'e hojad'e, ato waan anini ufiini tolche tahu d'ibaatele, ammo eeba Waaqaati na keesa tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Amma ammoo eebba Waaqaatiin ya ergamaa ta'e; eebbitii innii naa kennee ufumaa hinbanne. Anin ergamtoota cufaa irra jabaadhee hojjadhe; na adoo hinta'in ammoo eebba Waaqaa ta na keessa jirtuutti hojjate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo, ani ka badhaadha Rabbiitiin ergame. Badhaadhummaan naa kennamellee duwwaa hin turre; isaan maraa caalaa ammo natu dadhabe; Haa ta'uu ammo badhaadhummaa Rabbii ka na woliin jiru malee anaa miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, ani ka badhaadha Rabbiitiin ergame. Badhaadhummaan naa kennamellee duwwaa hin turre; isaan maraa caalaa ammoo natu dadhabe; Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbii ka na woliin jiru malee, anaa miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu ani amma waan ta'u ta'ee ka argamu kennaa bilisaa ka Waaqaatiin, kennaan bilisaa ka naaf kenname'llee firii malee hin hafinne, gonkumaa kaanniin caala'atti huji'iin dadhabee jira, garuu kana ka taasise kennaa bilisaa ka Waaqaa ka ana woliin jiru malee, anaa miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ammoo badhaadha Waaqaatiin akka amma te'e kana te'ee dhaggama; badhaadhi inni naaf kennelle akkanumaan hin hanne. Ani ergantoota taan caalaa dadhabee hujeera; tana ka huje badhaadha Waaqaa ka na woliin jiru malee, anaa moti.