1 Corinthians 15:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tun tokko tokkoofuu badoo badoo'oonuu teeti; Kiristoos du'aa ka'ee angafa akkuma te'e, worri ka Kiristoosii te'anelle, yennaa inni dhufu du'aa hin ka'an.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami ch'ufti fulla ufii qaba: Kristoni nama ch'ufa dura jira, eegi suni worra Kristoti, gaafa inni d'ufu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii cuftii ammoo fulaa ufii qaba; Kiristoon nama cufaa dura jira, eegii sun warra Kiristooti, gaafa innii dhufu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo maruu kore kore'een ta'a. jalqaba Kiristoosii hangafticha, achiin maayessa yoo Inni dhufe worra ka Kiristoosii ta'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo gari gariin kore kore'een ta'a. Kiristoos du'aa ka'u'uun akka hangafaati. Kanaan maayessa ammoo hennaa inni deebi'ee dhufutti, worri du'aa ka'an ka Kiristoosiiti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee ka ta'u tokkoo tokkoofuu tartiibaan, Kristos du'aa ka'uun fakkeenna jalqabaati, maa'ii yeroo Kristos dhufutti ka isaa worri ta'an du'aa ni ka'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tun tokko tokkoofuu badoo badoo'oonuu teeti; Kiristoos du'aa ka'ee angafa akkuma te'e, worri ka Kiristoosii te'anelle, yennaa inni dhufu du'aa hin ka'an.