1 Corinthians 15:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam Woyyichi, “Waaqi waan mara miila isaatiin jala godheera” jedha. “Waan duudii miila isaatiin jala godheera yennaa jedhu, Waaqi waan duudii miila Kiristoosiitiin jala godhe, ifiif ammoo miila jala akka hin galiin ifa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi ya waan ch'ufa miila isaa jala naqe. Yo waan ch'ufa jed'ani, Waaqi ka waan ch'ufa miila Kristo jala naqe keesa injiru. Suni waan gaafi qabaatiiniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif barreessiin, “Waaqii ya waan cufaa miila isaa jala galche” jette; “Waan cufaa milla isaa jala galche” yo jettuu, Waaqii ka waan cufaa miila Kiristoo jala galche, akka ammoo ufii miila isaa jala hinjire diideesseetti mullisa; Sun waan gaafii qabaatiiniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Maraa waan luka isaa jala godheeruuf» Haa ta'uu ammo, «Godheera yoo jedhu; Rabbii waan maraa luka isaa jala godhe san akka hin eda'anne kun addaata'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Maraa waan luka isaa jala godheeruuf» Haata'uu ammoo, «Godheera yoo jedhu; Rabbii waan maraa luka isaa jala godhe san akka hin eda'anne kun addaata'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Waaqinni waan maraa aangoo isaa jala taasiseefii jira» ka jedhu, barreeffamee jira, garuu, «Wonitti marrinuu aangoo isaa jala ta'ee jira» yoo jedhamu, waan maraa aangoo isaa jala ka isaa taasiseef Waaqa Abbaa hin dabalatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffam Woyyichi, «Waaqi waan mara miila isaatiin jala godheera» jedha. «Waan duudii miila isaatiin jala godheera» yennaa jedhu, Waaqi waan duudii miila Kiristoosiitiin jala godhe, ifiif ammoo miila jala akka hin galiin ifa.