1 Corinthians 15:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, namooti marroo worra du'eetiif jedhanee cuuphamanu bu'aan isaanii maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, kolbaan tun maaf addee isaanii cuuphanti ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra maro nama duetiifi batisani maani tolchani re? Worri maani tolchu fed'a? Yo aki worri, Nami due duisa keesaa inkau jed'u d'ugaa taate, maafi maro worra duetiifi batifamani re?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra marroo nama du'eetiif cuuphan maan tolchan ree? Warrii maan tolchuu fedha? Yo akki warrii, “Namii du'e du'a keessaa hinka'uu” jedhu dhugaa taate, maaf marroo warra du'eetiif cuuphamna ree?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana yoo ta'uu dhabaate, waan worra du'eetiif jedhanii worri cuuphaman bu'aan isaanii maali'i? Worri du'ellee sirima yoo ka hin kaane ta'e, bikka isaaniitiif worri cuuphaman maali'iif?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana yoo ta'uu dhabaate, waan worra du'eetiif jedhanii worri cuuphaman bu'aan isaanii maali'i? Worri du'ellee sirima yoo ka hin kaane ta'e, bikka isaaniitiif worri cuuphaman maali'iif?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, namoonni du'an ka hin muldhanne yoo ta'e waayee namoota du'aniitii fi ka cuuphaman marrinuu, bu'aan isaanii maali'i? Namoonni du'an gonkumaa ka hin muldhanne yoo ta'an, namoonni bakka isaanii maali'iif cuuphaman?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, namooti marroo worra du'eetiif jedhanee cuuphamanu bu'aan isaanii maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, kolbaan tun maaf addee isaanii cuuphanti ree?