1 Corinthians 15:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka yaada namaa qofaan, Efesoon keessatti bineensaan wol loluun kiyya bu'aan maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, “Boru waan duunuuf, kowa'a hin nyaanna, hin unna” akkuma jedhante te'uu isi'ii ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato sila anini Efeso keesati bineensa ala had'e, maro fed'i namaatiifi, anini maani argad'e? Yo sila nama due jireennati inkaamne mammaasi toko waan jed'u, Arra nyaanne d'unna, bori indoona.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin Adoo silaa Efeesoo keessatti bineensa alaa hadhee, marroo fedhii namaatiif, maal argadhe? Mammaassii tokkoo, yo nama du'e jireennatti hinkaamnee, “Arra nyaanneetti dhunnaa, bor indoona” jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka namaatitti Efesoonitti bineensa woliin yoo wondhaansa baye, yoo ka worri du'e hin kaane maal na fayyada? «Boru waan duunuuf haa nyaannee dhunnuu?»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka namaatitti Eefesoonitti bineensa woliin yoo wondhaansa baye, yoo ka worri du'e hin kaane; maal na fayyada? «Boru waan duunuuf haa nyaannee dhunnuu.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka yaada namaa ani Efesoonitti, bineenssa bosonaatiin woldhaanu'uf faayiddaan kiyya maali'i? Worri du'an du'aa ka hin muldhanne yoo ta'e ammoo, «Boru waan duunuuf kootaa haa nyaannuu, haa dhuginnuu» akka jedhame ta'uu isaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka yaada namaa qofaan, Efesoon keessatti bineensaan wol loluun kiyya bu'aan maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, «Boru waan duunuuf, kowa'a hin nyaanna, hin unna» akkuma jedhante te'uu isi'ii ti.