1 Corinthians 15:35 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko, “Worri du'e attamiin ka'a? Yennaa du'aa ka'anu nafa attamii qabaatan ree?” jedhee gaafata fa'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami toko hegeri akana gaafata, Nama due akamiini kaasani? Nafa akami horata?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii tokko hegerii, “Nama du'e akkamiin du'aa kaasan? Nafa akkamii horataa?” jedheetti gaafata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo, «Worri du'e attamitti ka'an; nafa attamiitiin dhufan?» Ka jedhu hin jiraata ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, «Worri du'e attamitti ka'an, nafa attamiitiin dhufan?» Ka jedhu hin jiraata ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni tokko, «Namoonni du'an ka ka'an attamittii? Du'aa yoo ka'an'llee qaaminni isaan qabaatan hoo bifa kami?» jedhee, ni gaafata ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko, «Worri du'e attamiin ka'a? Yennaa du'aa ka'anu nafa attamii qabaatan ree?» jedhee gaafata fa'a.