1 Corinthians 15:44 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nafa foonii te'ee ka awwaalame nafa ayyaanticha te'ee hin ka'a. Maarre nafi foonii eega jiraate, nafi ayyaantichille jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja awaalani nafa d'aloota, gaafa kaasani nafa lubbuu. Yo nafi d'aloota jiraate, nafi lubbuleeni injira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo awwaallan nafa dhaloota, gaafa kaassan nafa hafuuraa. Yo nafii dhalootaa jiraatee, nafii hafuuraalleen injira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nafa uumamaatiin facaafama, nafa ayyaanaatiin ka'a. Nafti uumamaa yoo jiraate; nafti ayyaanaallee akkasuma hin jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nafa uumamaatiin facaafama, nafa ayyaanaatiin ka'a. Nafti uumamaa yoo jiraate; nafti ayyaanallee akkasuma hin jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
qaama foonayeessa ta'ee ka facaafame qaama hafuuraayaa ta'ee ni ka'a. Qaaminni foonayaan yoo jiraate, qaaminni hafuurayaan'llee ni jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nafa foonii te'ee ka awwaalame nafa ayyaanticha te'ee hin ka'a. Maarre nafi foonii eega jiraate, nafi ayyaantichille jira.