1 Corinthians 15:58 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha'aa dhaabbadha'a. Waan tokkolle'een hin daaqina'a. Hujii Gootta'aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te'in beeka'aatii, yennaa mara hujii Gootta'aa hujiisaaf jabaadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi oboleyaani tiyya, jabaad'a, ejad'a. Huji Aabbo hojja ch'ufa hojad'a, jabeesa; wonti akanatiifi isani imbeetani, hujiini Aabbo ta isani hojattani dandeete lafati inhaftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf obboleeyyaan tiyya, jabaadhaa, ejjadhaa! Akka hujjiin Aabboo ta isan hojjattan akkasumaatti lafatti hin amne inbeettanii, Hujii Aabbo yo cufa jabbeessaa hojjadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf obboleeyyan tiyya jaalatamtoota! dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf yaa obboleeyyan jaalatamttan! Jabaadha'aatii dhaabadhaa, womaanuu hin raafaminaa, hujii Goofta'aatiif ka dadhabddan tasaan akka hin ta'in beekittanii, uduu addaan hin kutin yeroo maraa hujii Goofta'aa hojjachu'uuf hisadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha'aa dhaabbadha'a. Waan tokkolle'een hin daaqina'a. Hujii Gootta'aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te'in beeka'aatii, yennaa mara hujii Gootta'aa hujiisaaf jabaadha'a.